Premium Only Content
Gingilcha Sadan
Gingilcha / Calaltu Sadan
Soqiraaxis Girik jabana durii keessatti falasummaan nama maqaa guddaa horate ture. Gaaf tokko, namichi tokko ogeessa gudda kana haasofsiisuu bira dhufee akkasi ittin jedhe:
Namichi : “Waa'ee hiriyyaa keetii waanan amma dhaga'e beektaa laataa?”
Soqiraaxis : “Naaf obsi, mee”, jedhe Soqiraaxis. “Osoo dubbii kana natti hin hirmiin dura, gingilcha sadiin qorachuun barbaachisaadhaa.”
Namichi : “Maal immo dha Gingilchaan sadii?” jedhe namichi.
Soqiraaxis : Yeroo kana Soqiraaxis, “Waa'ee namoota biroo dubbachuu kee dura yeroo fudhattee waan jechuu barbaadde calaluun barbaachisaadhaa. Waan kana ani ‘Gingilcha ykn Calaltu Sadan’ jedheen waama. Gingilchan jalqabaa DHUGAA dha.
Wanti ati natti himuuf deemtu dhugaa ta'uu isaa beektaa?”
Namichi : “Lakkii amma kanaan dhaga'ee. Dhugaa ta’u isaa hin beeku” jedhe namichi.
Soqiraaxis : “Baay'ee gaarii! Kanaaf, dhugaa ta'uu isaa hin beektu. Mee gara gingilcha isa lammaffaatti haa ceenu. Gingilchaan inni lammaffaan GAARUMMAA dha.
Waa'ee hiriyyaa koo waan ati natti himuuf jettu waan gaariidhaa?”
Namichi : “Waawuu. Lakkii faallaa gaarummaatti”, jedhe namtichi.
Soqiraaxis : “Egaa, ati hammina hiriyaa koo natti himuu barbaadda. Garuu dhugaa ta'uu isaa illee hin mirkaneeffanne. Tarii gingilchaa sadaffaa, kan FAAYIDAA ni guuta ta’a.
Waa'ee hiriyyaa koo waan ati natti himuuf jettu beekuun na fayyaadaa?"
Namichi : Lakkii, waan maa’ii qabu miti.
Soqiraaxis : Yeroo kanatti Soqiraaxis, “Kanaafuu wanti ati natti himuu feetu DHUGAA miti, GAARIIS miti, FAAYIDAAS hin qabu. Egaa maaliif waan akkasi natti himuu barbaadde ree?
"Hameen waan hamaadhaa. Jalqaba irratti waan nama bohaarsuu fi gammachiisu fakkaachuu danda'a, dhuma irratti garuu garaa keenya hadhaa'aan guutee Summa’aa nu godha." - Fransis Phaaphaasi Waldaa Rooma.
-
4:20:21
Nerdrotic
13 hours ago $63.82 earnedDaradevil Born Again, Comics Industry CRASH, Neu-Hollywood REBUILD | Friday Night Tights #337
196K37 -
1:32:34
Glenn Greenwald
9 hours agoThe Future of Gaza With Abubaker Abed; Journalist Sam Husseini On His Physical Expulsion From Blinken’s Briefing & Biden’s Gaza Legacy | System Update #391
101K73 -
1:34:48
Roseanne Barr
12 hours ago $19.92 earnedWe are so F*cking Punk Rock! with Drea de Matteo | The Roseanne Barr Podcast #83
76.3K50 -
1:08:20
Man in America
13 hours ago🇨🇳 RedNote: A CCP Trojan Horse Deceiving Americans? w/ Levi Browde
35.1K33 -
3:55:11
I_Came_With_Fire_Podcast
16 hours agoTrump SABOTAGE, LA FIRE CHIEF SUED, and BIDEN’S LAST F-U!
24.4K7 -
2:59:47
Joker Effect
7 hours agoUkraine in a video game? Hardest thing I have done. S.T.A.L.K.E.R.2 Heart of Chornobyl,
88.6K4 -
1:15:22
Flyover Conservatives
1 day agoEczema, Brain Fog, B.O., and Gas… Eating Steak and Butter Creates Ultimate Health Hack - Bella, Steak and Butter Gal | FOC Show
61.3K3 -
51:58
PMG
11 hours ago $2.80 earned"Can the Government Learn from Elon Musk’s 70% Labor Cut? A Deep Dive into Inefficient Agencies"
47.3K1 -
6:39:15
Amish Zaku
10 hours agoRumble Spartans #10 - New Year New Maps
40.8K2 -
1:04:58
In The Litter Box w/ Jewels & Catturd
1 day agoNo Tax On Tips! | In the Litter Box w/ Jewels & Catturd – Ep. 722 – 1/17/2025
155K32